Fana: At a Speed of Life!

Obbo Taaggasee Caafoo fi obbo Iristuu Yirdaaw bu’uuraalee misoomaa godina Gaamootti hojjetaman eebbisan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo fi itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw bu’uuraalee misoomaa godina Gaamootti hojjetaman eebbisuun banan.
Bu’uuraaleen misoomaa kunneen mana hojii mootummaa fi dhaabbilee kenna tajaajilaa yoo ta’an, baasii birrii miiliyoona 22 oliin kan ijaarraman ta’uu ibsameera.
Itti aanaan Preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw hojiilee baajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan hojjetaman kanneen dinqisiifataniiru.
Gaaffiin caaseeffamaa Aanaa Boonkee sirrii ta’uu misooma hojjetameen mirkanaa’uu Af Yaa’iin Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo ibsaniiru.
Hirmaannaa hawaasni aanichaa bu’uuraa misoomaaf taasiise galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.