Fana: At a Speed of Life!

Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himataman

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC) – Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan yakka humnoota farreen nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun himatamaniiru.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii 1ffaa Lidaataa dhaddacha yakkoota dhimma heera mootummaa fi sirna Heera Mootummaatti himanni kun banamuu ibsameera.
Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daayrektooreetii dhimmoota yakka gurmaa’aa fi daangaa ce’aa Obbo Taayyee Danda’aa himata sadiin himateera.
Obbo Taayyeen nageenyaa biyyaa fi ummataa mirkaneessuun osoo irra jiraatuu ergaawwan farreen nageenyaa deeggaranii fi miidiyaa hawaasummaa maqaa isaaniin banamaniin ololawwan adda addaa tatamsaasaan jechuun himateera.
Akkasumas eeyyama osoo hin qabaatin labsii meeshaalee waraanaa bahe cabsuun Kilaashiin Koovii dadachaatuu 1, kaartaa 2 rasaasa 60 waliin mana jireenyaa isaanii keessaa sakattoo taasiifameen argameera jechuun himateera.
Obbo Taayyeen Mana Murtiitti dhiyaachuun dhimmoonni ittiin himataman dubbifameefira.
Dubbisichaan boodas Obbo Taayyeen mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru jedhame.
Manni murtichaas dhimma wabii gaafatame ilaalchisee yaada murtoo kennuuf Ebla 24, 2016tti beellameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.