Fana: At a Speed of Life!

OBN jiraattoota godina Matakkaliif deeggaarsa midhaan nyaataa kuntaala 900 taasiise

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Oromiyaa Broodkaastiingi Neetworkiin naannoo Beenshaanguul Guumuuz Godina Matakkalitti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa miidhaan nyaataa kuntaalaa 900 taasiiseera.
Deeggarsicha Daayreektarri Olaanaa OBN obbo Zinaabuu Asraatii fi Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitt Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amantee Magaalaa Galgala Balasitti argamuun laataniiru.
Miidiiyaan rakkoo gabaasuu qofa otoo hin taane rakkoo hawaasaa qooddachuu qaba kan jedhan Daayreektarri Olaanaa OBN obbo Zinaabuu Asraat.
Hariiroo uumataa cimsuuf OBN afaan Guumzi, Shinaashaa fi Bartaan tamsaasa jalqabuu eeraniiru.
Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen gama isaaniin hojiin OBN hojjate fakkeenyummaa olaanaa qabaachuu eeruun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Beenshaanguul Guumuuz misoomaa fi diinagdeen walitti hidhuuf humni naannolee lamaan irraa walitti dhufaniin karoorri waggoottan 5 ba’ee hojjetamaa jiraachuu kaasaniir.
Itti aanaan Preezdaantiin Naannoo Beenshaangul Guumuuz obbo Geetaahuun Abdiisaa deeggarsa godhameef galateeffateeffachuun, hariiroo uummataa cimsuuf hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin jalqabne fakkeenyummaa isaa naannolee gara garaatti ni babal’isna jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.