Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoon Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaa maddisuu nageenyaa biyyaa fooyyessuu keesatti gumaacha olaanaa taasiisuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Odeeffannoon Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaa maddisuu bobbii qaamolee nageenyaaf galtee ta’uun nageenyaa biyyaa fooyyessuu keesatti gumaacha olaanaa taasiisuu ibsameera.

Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii bakka Daayrektarri Jeneraalaa mana hojjechaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen argamanitti gamaaggameera.

Baatiiwwaan jahan darban odeeffannoowwan nageenya biyyaa eegsisan maddisuun qaama raawwatuuf dhiyeessuun hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuu ibsameera.

Keessattuu naannoo Amaaraa fi Oromiyaatti rakkoo nageenyaa jiru furuuf ragaa kennuurratti gumaacha olaanaa taasiisu ibseera.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa dabalatee waltajjiiwwan dhaabbilee Amantaa fi Aadaa milkaa’inaan akka xumuraman gahee olaanaa ba’uu tajaajilichi ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Qaamolee nageenyaaf haala mijeessuun nageenyi biyyattii akka fooyya’u tajaajilchi gumaacha taasiisuu eereera.

Karoorri mana hojjechaa haala walxaxaa fi dhiibbaa nageenyaa fi siyaasaa mul’atu keessatti hojiin hojjete bu’aa qabeessa jedhamuu kan dandeessisu ta’uu gamaaggamichaan ilaallameera.

Tajaajilichi dandeettii raawwachiisummaa isaa guddisuuf leenjii Humna Namaa, dhiyeessa Loojastiksiifi naannawaa hojii mijataa taasiisuurratti hojii bal’aa hojjechuu himeera.

Dhaabbileen biyya keessaafi alaa, akkasumas dhaabbileen isaan gitan tajaajila Odeeffannoofi Nageenyaa Biyyaalessaa waliin qindoominaan hojjechuuf fedhii agarsiisaa jiru.

Dandeettii raawwachistummaa tajaajilichaa cimsuun shororkeessummaa, sosochii daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaafi namaa akkasumas yakkoota daangaa ce’anii raawwataman ittisuun danda’amuu himeera.

Nageenyaafi tasgabbii biyya keessaa amansiisaa taasiisuuf odeeffannoowwan furmaata siyaasaa fidaniifi dhiibbaa uuman omishuurratti xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu ta’uu eereera.

Shira dinagdee keessumattuu qabeenya dhoksuurratti akkasumas tajaajila buufata xiyyaaraa waliin kan walqabate tasgabbiin akka mirkanaa’uuf, komiin maamiltotaa akka hin uumamneef kan hojjetamu ta’uu himeera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.