Fana: At a Speed of Life!

Oomishaa fi oomishtummaa Qonnaa dabaluuf eegumsaa midhaaniirratti xiyyeffannoon hojjetamaa jira-BQO

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC)- Oomishaa fi oomishtummaa Qonnaa dabaluuf eegumsa midhaaniirratti xiyyeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Biirichi ilbisoota oomishtummaa qonnaa xiqqeessan to’achuurratti ogeessota eegumsa biqiltuuf leenjii kennuu eegaleera.

Hogganaan Biiriichaa Obbo Geetuu Gammachuun hojii oomishaafi oomishtummaa qonnaa dabaluuf qabame milkeessuuf eegumsa midhaaniirratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Sababa ilbisoota midhaanii fi aramaan qisaasama oomisha qonaarratti uumamu xiqqeessuuf to’annoo ilbisootaa fi aramaarratti hubannoo uumuun barbaachisaa ta’uu Obbo Geetuun himaniiru.

Leenjichi qorattoota olaanoo Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Federaalaa fi Naannichan kan kennamu ta’uu ragaan biiricharra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.