Fana: At a Speed of Life!

Oomishtoonni paarkiiwwan indaastiriitti keessaa gabaa Biraaziil akka argatan waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC)- Dhaabbilee oomishtootaa Biraazil damee maanufaakchariingii Agiroo piroosesiingiirratti akka bobba’anii fi oomishtoonni paarkii indaastirrii Ityoophiyaa keessatti oomishaa jiran Biraaziilitti gabaa akka argatan hojjechuuf waligalteerra gal’ame.

Hoji Gaggeessan Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Akiliiluu Taaddasaan Ambaasaaddara Biraaziil Jaandiir Feereera Dosantoos waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Ityoophiyaa fi Biraaziil dameewwan hedduurratti hariiroo baroota dheeraa lakkoosise qaban, invastimantii fi dhimmoota walqabataniin cimsuu haalota dandeesssisanirratti mari’ataniiru.

Haaluma kanaan abbootiin qabeenyaa Biraaziil paarkiiwwan indaastirii keessatti akka oomishan akkasumas oomishtoonni paarkiiwwan indaastirii keessatti argaman oomishaalee isaanii gabaa Biraazilitti dhiyeeffachuu akka danda’aniif walitti hidhamiinsa uumuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan koororeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Biraazil damee agiroo piroosesiingii fi maanufaakchartiingiin muuxannoo yeroo dheeraa qabdu paarkiiwwan indaastirii koorporeeshinichaa jala jiraaniitti babal’isuu fi invastimantiiwwan haaraa hawwachuuf dhimmoota dandeessisanirratti marii bal’aan taasifameera.

Ambaasaaddarichi, hojiileen koorporeeshinichi gaggeessa jiru jajjabeessa ta’uu kaasuun keessumaa Ityoophiyaan qabeenyaa damee agiroo piroosesiingiin qabdu fayyadamuun, abbootiin qabeenyaa damicharratti bobba’an muuxannoo Biraaziil akka qooddatan akka hojjetan ibsaniiru.

Fuuldurattis fooramii waloo qaamolee dhimmichi ilaallatu garagaraa hirmaachise akka gaggeessan eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.