Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaa bakkoota garagaraatti koonfiraansiin Paartii Badhaadhinaa gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016(FBC)- Naannoo Oromiyaa Godinaalee fi Magaalotaa garaagaraatti konfiransiin Paartii Badhaadhinaa mata duree “Waadaa gochaan Badhaadhina Itoophiyaatiif” jedhuun gaggeeffameera.
Koonfiraansichi Magaalaa Shaggaritti Bakka Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan dabalatee qondaaltonni magaalichaa argamanitti gaggeeffameera.
Paartiin Badhadhinaa galmoota guddina dinagdee qabaachuun, qormaatilee uumamaa fi namtolchee mudataniin keessa taa’ee injifannoowwan gurguddoo galmeessisaa kan jiru ta’uu Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan himaniiru.
Yaada mo’ataa qabaachuun ijaarsa biyya tokkummaa sabdaneessummaa bu’uureffate hojjechaa kan jiru ta’uu kaasuun, Paartichi badhadhinaa waloo dhaloota har’aa fi boruu mirkaneessuuf kan hojjechaa jira jedhaniiru.
Injiffannoo qormaata keessatti argame itti fufsiisuuf tumsa hawaasa gaafatas jechuu ragaan kominikeeshinii magalichaarraa argame ni mul’isa.
Haaluma walfakkaatuun koonfiraansichii Godina Jimmaattis gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Masarat Haayiluun akka jedhanitti paartichi yeroo gabaabaa keessatti injifannoo gonfate waan ta’eef bu’aa argamee cimsuun qaawwa jiruu duuchuuf ariitii olaanaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachiisaa ta’uu dubbatan.
Hojii dhabdummaa hir’isuudhaan dargaggoota hojitti galchuu, qaala’insa jireenyaa oomishtummaa dabaluun injifachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Abdurahmaan Mahammaditu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.