Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hojii invastimantii bara 2014tti hojjetameen  bu’aa gaariin argamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2014 eeyyama invastimentii  kuma 3fi 588 kennuun hojjetameen  bu’aa gaariin argamuu hogganaan Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa  Dooktar Tashoomaa Addunyaa ibsan.

Dooktar Tashoomaan haasawaa kabaja hundeeffama waggaa 9ffaa Waldaa Daldalaa Dhuunfaa Arfaasaa magaalaa Adaamii Tulluutti kabajamaa jirurratti taasisaniin, waldaalee dhuunfaa hojii invastimantii sharafa alaa argamsiisaa jiraniif mootummaan naannoo Oromiyaa galata guddaa qaba jedhaniiru.

Waldichi waggaatti mootummaaf gibira Birrii miiliyona 57 galii taasisaa jiraachuu ibsameera.

Waldichi bara darbe sharafa alaa Doolaara miiliyoona 30 argamsiisuun guyyaa bunaa torban darbee kabajame irratti dhaabbilee raawwii hojii gaarii galmeessisuun badhaafaman keessaa tokko ta’uun isaa kan yaadatamudha.

Minaalee Gabayyootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.