Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti daldaltoota 3,123 irratti tarkaanfiin yoo fudhatamu, 2,650f akeekkachiisni kennameera

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa magaalota gurguddootti abbootiin qabeenyaa hoteelota 13 turtii addaa shakkamtoota vaayrasii koroonaatif gumaachaniiru.
 
Koreen Taask Foorsii ittisaa fi to’annoo naannichaa qorannoo hojii guyyoota afran darbanii geggeessuudhaan kallattii hojii guyyoota itti aananii kaa’era.
 
Koreen taask foorsii olii hanga gadiitti hundaa’e hojii hubannoo uumuu, tajaajila lammummaatin humna, beekumsaa fi qabeenyan tumsuu fi hojii hoggansa balaa tasaa hundagaleessa kennaa akka jiru eerameera.
 
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, hubannoo uumudhaan tamsa’ina vaayrasichaa ittisuu fi to’achuun olitti falli biroon hin jiru jedhaniiru.
 
Yaa ta’u malee, hojii hubannoo uumuu miidiyaa fi tooftaalee koomunikeeshinii adda addaatin hojjetamaa jiruun cinaatti, ogeeyyii fayyaa fi caasaa sadarkaan jiruun nama hunda bira ga’uuf sochii hanga ammaatti taasifameen lammiilee miiliyoona 9 qofa bira waan ga’ameef kana boodas hojii guddaatu eegama jedhan.
 
Akka odeeffannoo Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaatti qorannoo raawwii taask foorsii naannichaa har’a geggeeffameen, abbootiin qabeenyaa dhuunfaa fi namoonni quuqamaan hirmaatan hoteela 13, siree 289, mankuusaa 2 fi meeshaalee qulqullinaa gosaa fi lakkoofsan heddumina qaban gumaachuun ibsameera.
 
Magaalota tokko tokko keessatti harka qalleeyyii deeggaruun, hojjettoota warshaa sababa of eeggannootif hir’ifamaniif yeroof miindaa kaffaluu fi dhiyeessii meeshaalee of eeggannootin tumsuun bal’inaan hojjetamaa jiraachuunis gamaaggamameera.
 
Hanga ammaatti daldaltoota daballii gatii hin malle taasisan 3,123 irratti tarkaanfiin kan fudhatame yoo ta’u, daldaltoota 2,650f akeekkachiisni laatameera.
 
Daldaltoota 131 ammoo seeratti dhiyeessuuf hojjetamaa jira. Manneen qorachaa daballii gatii argisiisan 16 cufamaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.