Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 262 ga’e

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 4 vaayrasii koroonaatin qabamuu Biiroon Eeggumsa Fayaa naannichaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 704 hojjetamee, namoonni 4 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
Koorniyaadhan 3 dhiirota, I dubartiidha.
 
Umriin isaanii waggaa 12 hanga waggaa 56 ta’uu biirichi beeksiseera.
 
2 Booranaarraa, 1 magaalaa Burraayyuurraa, 1 Harargee Bahaarraa ta’uu ibsameera.
 
Waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 262 qaqqabeera.
 
Hanga ammaatti lubbuun namoota 8 darbeera.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 201
 
Namoonni 53 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Waliigala hanga ammaatti qorannaawwan laabraatoorii 18,692 hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.