Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti manneen barnootaa bultii addaa torba kan barattootni dandeettii olaanaa qaban itti baratan ijaaruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa murteesse

Finfinnee, Qaammee 2, 2012(FBC)- Oromiyaatti manneen barnootaa bultii addaa torba kan barattootni dandeettii olaanaa qaban itti baratan ijaaruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa murteesse.
 
Mootummaan naannichaa dhaloota haaraa beekumsaan ijaaruuf hojii barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjetaa jira.
 
Haaluma kanaan bara 2013 keessa manneen barnootaa sadarkaa lamaffaa haaraa istaandaardiisaanii eeggatan 100 godinaalee Oromiyaa hundatti ijaaruuf murtaa’ee hojii qabatamaatti galameera jedhan Sadarkaa Preezdaantii Ittaanaatti, Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa.
 
Manneen Barnootaa bultii addaa torba kan barattootni dandeettii olaanaa qaban itti baratan Beddellee, Najjoo, Amboo, Haromaayaa, Negellee, Dodolaafi Yaa’abal’ootti ijaaruuf murtaa’ee jiras jedhan Obbo Addisuun fuula fieesbuukiisaaniirratti.
 
Manneen barnootaa addaa (non-boarding special schools ) 40 ijaaruuf murteessee bajata hojii kanaaf barbaachisu ramaduun ifatti akka jalqabaman bakka Perezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimmallis Abdiisaa argamanitti kallattiin hojii kennamuullee ibsaniiru.
 
Gama biraatiin manneen barnootaa naannichaa hundatti Sirni Gadaa Oromoo akka akaakuu barnootaa tokkootti akka kennamu murtaa’uusaas yaadachiisaniiru.
 
Afaan barnootaa dabalataa ilaalchisee mannen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti barattootni afaanota idildunyaa kanneen akka Afaan Faransaay, Chaayinaa Arabaa fi Jarmanii fedhiidhaan akka kennanuuf haalli mijaa’aa jira jedhan.
 
Dabalataanis ganna kana keessa sochii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa sadarkaa1ffaa hunda keessatti daree dabalataa kuma 30 ijaaruuf karoorfamee ture %100 oli raawwatameera jedhan.
 
Sochii tajaajila lammummaatiin kitaabonni miiliyoona 1.1 ol walitti qabamuulee himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.