Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 201 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 201 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 1132 hojjetameen vaayrasichi namoota 201 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 13,665 ga’eera.

Lubbuun namoota 3 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 111 darbeera.

Namoonni haaraan 10 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 8231dandamataniiru.

Namoonni 17 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5323 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 201433 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.