Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 208 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 208vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3211 hojjetameen vaayrasichi namoota 208 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 8583 ga’eera.
 
waliigala Lubbuun namoota 52 darbeera.
 
Namoonni haaraan 173 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 3457 dandamataniiru.
 
Namoonni 5 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5074 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 166,267 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.