Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti qorannoo vaayrasii koroonaa mana manarraa taasifameen namoonni miiliyoona 24.6 waliin ga’uu danda’ame

Finfinnee, Caamsaa  6, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti qorannoo vaayrasii koroonaa mana manarraa taasifameen namoota miiliyoona 24.6 waliin ga’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beksise.

Qorannoo mana manarraa taasifameen abbootii warraa miiliyoona 5.7 waliin ga’u danda’u  biirichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif beekssera.

Qorannoo mana manatti taasifameen hanqinni meeshaa safartuu ho’iina qaama akka hin jirre biirichi beeksiseera.

Ityoophiyaatti baatii lamaa keessatti lakkoofsii namoota vaayrasichaan qabamanii 272 yoo ta’u, kanneen keessa naannoo Oromiyaatti hanga oduun kun qophaa’utti namoonni 17 vaayrasichaaf saaxilamoo ta’u himameera.

Naannoo Oroomiyaatti sadarkaan vaayrasichi irra  jiru baruuf kan gargaaruu namni jalqaba vaayrasichaan qabame magaalaa Adaamaatti erga ifa ta’ee eegalee qorannoo mana manarra taasifamuu raawwatama jirachuu ibsameera.

Itti gafaataman itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloo turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif waliin taasisaniin, naanichaatti godinaalee 21 fi magaaloota 19  qorannoon mana manarratti kan taasifamee yoo ta’u, hanga ammatti abbooti warraa miiliyoona 5.7 waliin kan ga’ameera.

namoota miiliyoona 24.6 qorinnichi taasifameera jedha.

Naanichatti namoonni qorannoo taasifameefg keessaa namoonni 188 shakamuun adda baafamaniiru.

Kanneen keessas namoonni lama vaayrasichaan qabamuu Dooktar Abdulaqaadir himaniiru.

Qoranichi cimee itti fufuun eksiteeshinii fayyaa kumni 11 ol hojicharratti bobba’uun eksiteeshiniin fayyaa tokkoo guyyatati mana 20 waliin ga’aa jedhameera.

Kanafiis hawaasa miiliyoona 40 waliin ga’uuf hojjetama jira.

Gama biraan Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawwaatti hanga ammmatti namoonnii 5 vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, buulchinsi magaalichaas tamsa’inaa vaayrasichaa ittisuuf qorannoo mana manarratti xiyyeeffanaan hojjetaa jira.

Kanaanis manneen kuma 100 ol ta’aaniif qorannoon mana manarra  taasifamuu biiroon fayyaa buulchinsichaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.