Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti qorannoon dizaayinii pirojektoota misooma jallisii hektaara kuma 51 misoomsanii sadii ni gaggeeffamu-Ministeericha

Finfinnee, Mudde 12, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaa godinaalee sadiitti lafa hektara kuma 51 misoomsuu kan danda’an qorannoon dizaayinii pirojktoota misooma jallisii sadii barana akka gaggeeffaman Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Qorannoon kun abbummaa ministeerichaan kan gaggeeffaman yoo ta’u, pirojektoonni kunneenis Godinaa Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti kan argamuu Qorannoo Dizaayinii Mormoraa lafa hektaara kuma 10 kan uwwisu, Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabileetti kan argamuu qorannoo dizaayinii pirojektii Erar lafa hektaara kuma 11 kan uwwisu, akkasumas Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Diimtuuti kan argamu qorannoon dizaayinii pirojektii Raammis lafa hektaara kuma 30 kan uwwisu barana akka gaggeeffamu ibsameera.

Pirojektoota sadeeniif Birrii miiliyoonni 75 kan ramadame yoo ta’u kana keessaa Mormoraaf Birri miiliyoona 20, Erariif Birri miiliyoona 30 fi Raammisiif Birri miiliyoona 25 akka ta’e ibsameera.

Waliigalteen Qorannoo Dizaayinii Pirojektootaa Ererii fi Raammis baatii Sadaasaa 2015 kan gaggeeffame fi baatiiwwan 12 keessaatti akka xumuramu waliigalamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Akkasumas Qorannoon Dizaayinii Pirojektii Raammis baatiiwwan 16 keessatti ni xumurama jedhameera.

Hojiin qorannoo dizaayinii Erarii fi Raammis Koorporeeshiii Injiinariingii Oromiyaatiin kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.