Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti shakkamtoota vaayrasichaa 108 fi tuttuqqii kan qaban 100f hordoffiin taasifamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti namoota vaayrasii koroonaatin shakkamanii fi tuttuqqaa warra vaayirasichi irratti mula’te qabaniif qorannaan taasifamaa jira.
 
Namoota vaayrasichaan shakkaman 108, kanneen tuttuqqaa warra vaayirasichi irratti mula’te qaban 100 tursa addaa galanii qorannaan taasifamaafii jira.
 
Shakkii vaayirasichi hawaasa keessatti babal’achuu hin oolle jedhu sakatta’uuf, magaalaa Adaamaa keessatti qorannoon namoota 250 irratti addatti taasifameera.
 
Bu’aan qorannaa isaanitis boru kan ifoomu ta’uu Biiron Fayyaa Oromiyaa ibseera.
 
Kanuma faana, rakkoo qorannoo laaboraatoorii furuudhaf Hoospitaalli Moojoo meeshaalee fi ogeeyyii barbaachisaniin guutamee guyyaa har’aa irraa eegalee hojii qorannootif qophaa’uun isaas ifoomera.
 
Manneen amantaa rakkoo ummanni baay’inaan walitti qabamuun geessisuu malu hubachuudhan, of eeggannoo barbaachisu gochaa jiraachuu isaanitiif mootummaan naannoo Oromiyaa galateeffateera.
 
Balaa dhibeen kun geessisuu malu dandamachuuf kadhannaan akka tumsanis mootummaan naannoo Oromiyaa waamicha dhiyeessera.
 
Ogeeyyiin fayyaa sadarkaa adda addaa jiran 8,997 ol ta’an leenji’anii hojii to’annaa fi ittisa vayirasichaaf bobba’aniiru.
 
Yeroodhaf bittaan meeshaalee yaalaa, qorichaa fi kanneen biroo Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 35 olii bajata mootummaan ramadeen raawwatamaa jira.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.