Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Biyyaalessaa Duuroo Kukkee Laangaanoo hundeeffame

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti Paarkii Biyyaalessaa Duuroo Kukkee Laangaanoo hundeeffameera.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Damee Arsii Lixaa Obbo Gabayyoo Zallaqaa, paarkichi diinagdee damdaneessa mirkaneessuu fi carraa hojii bal’aa uuma jedhaniiru.

Paarkiin kun Finfinnee irraa gara kibbaatti Kiiloo Meetira 243, irratti kan argamu yoo ta’u, lafa hektaara kuma 17 fi 452 ol irratti hundaa’uun himameera.

Paarkichi Bosona Duuroo, Kkuukkee fi cinaa Haroo Laangaanoo kan qabatu yoo ta’u, bosonaa uumama fi bineensota bosonaa hawwata tuurizimiif gumaachan hedduu qabaachuun eerameera.

Itti Gaafatamaan Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannawaa Godina Arsii Lixaa Obbo Abdurrazaaq Abdulqaadir, rakkoolee qubannaa lafa bosonaa seeraan alaa fi mancaatii bosonaa hambisuuf hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dabalataan godinichatti iddoowwan Ikoo tuuriizimii 14 hundeeffamuu himaniiru.

Godina Arsii Lixaatti Paarkiiwwan guguddoon 5 jiraachuun himameera.

Jibiriil Huseentu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.