Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Koministii Chaayinaa hariiroo tarsiima’aa qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa Paartii fi paartiin Koministii Chaayinaa hariiroo tarsiima’aa qaban cimsuuf waliigalaniiru.

Ittaanaan Pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, dhiyeenya Ministira Hariiroo Idil Addunyaa Koree Giddugaleessaa Paartii Koministii Chaayinaa ta’uun kan muudaman Mister Liiyuu Jiyaancho’oo waliin viidiyoo koonfiiraansiin mari’ataniiru.

Obbo Adaam Faarahin haala yeroo Ityoophiyaa, sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi dhimmoota biroorraatti Sadarkaa Afrikaatti marii jalqabaa kan taasisan Mister Liyoof ibsa kennaniiruufi.

Obbo Adam Faaraah Chaayinaatti milkaa’ina galmaa’aa jiruuf hoggantoota Paartii Koministii Chaayinaa dinqisiifataniiru.

Paartiin Badhaadhinaas imaammatootaa biyyaa keessa hojiirra oolchuun milkaa’ina galmeessa jiraachuu eeranii, adeemsa keessaas Paartii Koministiirraa muuxannoo qooddataa turuu fi kanas cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Haala biyyalessaa fi idil addunyaa amma mul’atuuf tokkummaa fi walta’iinsa cimsuun murteessaa ta’uu kan kaasaan Obbo Adam, paartiileen obbolaan hariiroo isaanii cimsuun fayyadamummaa waloo ummatoota biyyoota lameenii mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Waltajjii idil addunyaarratti walta’iinsa dameelee hedduu cimsuun, fayyadamummaa haqa qabeessi addunyaarratti akka mirkanaa’uuf Paartii Koministii Chaayinaa waliin hojjechuuf Paartiin Badhaadhinaa kutannoo kan qabudha jedhan.

Mister Liyoo gama isaaniin, Ityoophiyaan nageenya Afriikaa Bahaaf utubaa ta’uu Chaayinaan ni amanti jedhanii, Paartiin Badhaadhinaas dhimmoota tarsiima’oo naannawaa irratti tumsaa Paartii Koministii Chaayinaa akka ta’ee beeksiseera jedhan.

Hariiroo gama lameenii cimsuun caalmaan guddisuuf, Paartiin Koministii Chaayinaa fedhii qabaachuu eeranii, dameelee walta’iinsaa paartiilee lameenii ibsaniiru.

Dhumarrattis, paartiileen lameen hariiroo qaban cimsuun dhimmoota tarsiima’oo irratti kan waliigalan yoo ta’u, sochii hojiirra oolmaa isaas dhiyeenyatti akka eegalan beeksisuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffannaObbo Adaam Faarahi

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.