Fana: At a Speed of Life!

Paartileen Siyaasaa yeroo kamiiyyuu caalaa tokkummaa fi nageenya biyyaaf hojjechuuf waadaa galan

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC) – Hoggantoonni Paartilee Siyaasaa garaagaraa Hidha Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaa daawwatan.

Hidhaan Guddichi Haaromsa Ityoophiyaa Hidhaa Tokkummaa ta’uu isaan xumura isaaf garaagarummaa malee tumsaan ni hojjenna jedhan.

Yeroo kamiiyyuu caalaa misooma, tokkummaa fi nageenya biyyaaf hojjechuuf waadaa galaniiru.

Gumaacha ummanni biyyatti ijaarsa isaaf taasiise dinqisiifataniiru.
Gama mootummaan murannoon jiru cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Piroojektoota biyyattii biroorrattis ashaaraa isaanii kaa’uuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Hanga ijaarsi Hidha Guddicha Ityoophiyaa xumuramutti ummanni Ityoophiyaan deeggarsa taasiisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.