Fana: At a Speed of Life!

Paatriyaarikiin mana Amantaa Ortoodooksii Abunee Maatiyaas ummanni ayyaana Cuuphaa tokkummaan akka kabajan waamicha taasiisan

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC ) – Paatriyaarikiin mana Amantaa Ortoodooksii Abunee Maatiyaas ummanni Ityoophiyaa ayyaana Cuuphaa tokkummaan akka kabajan waamicha taasiisaniiru.

Abunee Maatiyaas sirna kabaja Ayyaanaa Cuuphaa Hurufa Boombiitti argamuun ergaa dabarsaniin ummanni Ityoophiyaa walkabajuu fi wal deeggaruun ayyaanicha kabajuu akka qaban dhaamaniiru.

Ummanni walii yaaduu, walgargaaruu fi tokkummaan ayyaana Cuuphaa akka kabajan ergaa dhaamaniiru.

Dargaggoonni dhibee HIV fi koroonarraa of eeggachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Sirna kabajaa ayyaana Cuuphaa Hurufa Boombirratti kan argaman itti aantuun kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaannach Abeebee ayyaana cuuphaan ergaa baga geessanii dabarsuun, akkuma ayyaana Cuuphaa gamtaan kabajne tokkummaa keenya caalmaatti cimsuun badhaadhinaa biyyattii mirkaneessuu qabna jedhan.

Magaalaan Finfinnee iddoo jireenya Ityoophiyaanootaa qofa osoo hin taane iddoo jireenya dhaabbilee idil addunyaa ta’uu ishee kan ibsan aadde Adaanach, ummanni Ityoophiyaa ummata akka Xaafii makaa adda hin baanedha jedhan.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana Ityoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksise ta’uu ibsaniiru.

Tokkummaa keenya cimsuun magaalaa fi biyya keenya yaa ijaarru jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana agarsiistuu jaalalaa fi tokkummaa biyyaa ta’uu sirnichaarratti kan hirmaataan Ministirri Ministeera Aadaa fi Turiizimii Dooktar Hiruut Kaasaa ibsaniiru.

Dooktar Hiruut ayyaannichi Karaa nagaa fi tasgabbiin akka xumuramuuf hawaasaa fi qaamolee nageenyaa tumsa taasisaa jiran galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.