Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarq Sargee Laavroov waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov waliin mari’ataniiru.
Biyyoota Afrikaa garaagaraatti daawwannaa hojii taasiisaa kan jiran Sargee Laavroov kaleessa galagala magaalaa Finfinnee galuun kan yaadatamuudha.
Wayita Finfinnee ga’anis Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin simatamanii turan.
Sargee Laavroov turtii Ityoophiyaatti taasiisaniin hoggantoota mootummaa olaanoo waliin marii dhimmoota waloo biyyoota lamaanii taasiisaa jiru jedhame.
Wandasan Araggaanyitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.