Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi Warshaa Oomisha Gommaa Hooraayizan Addis daawwatan

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen Warshaa Oomisha Gommaa Hooraayizan Addis daawwataniiru.

Daawwannicharratti Pireezidaanti Saahilawarqi, Warshaan Oomisha Gommaa Hooraayizan Addis goommaawwan qulqullina qaban oomishuuf tattaaffiin taasisaa jiru indaastiriiwwaniif fakkeenyaa ta’uu kaasaniiru.

Warshichi qulqullina oomishaaf xiyyeeffannaa kennuun hojiilee hojjechaa jiru cimsee akka itti fufu eeruun, mootummaanis deeggarsa barbaachisaa akka taasisu himan.

Hoji Gageessan Dhaabbata Badhaasa Qulqullinaa Ityoophiyaa Obbo Tewoodiroos Maabiraat gama isaaniin, dhaabbileen oomishtootaa fi tajaajila kennan, oomishaa fi tajaajila qulqullina qabu dhiyeessuun sadarkaa idil addunyaatti dorgomtoota ta’uu akka qaban kaasaniiru.

Akkasumaas itti gaafatmaa dorgomtummaa biyyattii mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru.

Warshaan Oomishaa Gommaa Hooraayizan Addis gabaa addunyaarratti dorgomaa ta’uuf ulaagaalee qulqullinaa guutuun ibsameera.

Dhaabbanni Badhaasa Qulqullinaa Ityoophiyaa moodeela beekumsa idil addunyaa bu’uureffachuun dorgommii badhaasa qulqullinaa qopheesseen Warshaan Oomisha Gommaa Hooraayizan Addis yeroo sadii walitti aansee dorgommiiwwan badhaasa qulqullinaa Waancaa beekumsaa sadarkaa 2ffaa injifateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.