Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Keeniyaa lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa maallaqaa taasiisuuf waadaa galan

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon tokkoon tokkoo lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa maallaqaa taasiisuuf waadaa galaniiru.

Pireezidaanti Ruutoon bu’uuraalee misoomaa fi lammiilee balaan lolaan miidhaman naanna’uun daawwataniiru.

Tokkoon tokkoo lammiilee balaa lolaan miidhamaniif Shilingii Keeniyaa kuma 10 deeggarsa taasiisuu fi manneen barnootaa lolaan barbadaa’aan deebisanii ijaaruuf waadaa galaniiru.

Manneen barnootaa miidhaman deebisanii ijaarsuuf Shilingii biiliyoona 1 yookaa Doolaara miiliyoona 7.5 ramaduu African News gabaasera.

Mootummaan Keeniyaa miidhaa lolaan qaqqabsiiseef deebii gahaa hin taasiifne jedhamuun komatamaa turuun kan yaadatamuudha.

Hanga guyyaa kaleessatti keeniyaatti balaa lolaan mudateen lubbuun namoota 228 darbuu fi namoonni kumni 212 fi 630 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Reuters gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.