Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Finfinnee galan

Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Boolee gahan Ministirri Ministeera Jaallisii fi Nannaawwa Gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahaammad fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon simatamaniiru.

Dabalataanis Pireezidaantiin Moozaambiik Feliippi Niyuusiin yaa’icharratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Hoggantoonni Biyyoota garagaraa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee gala jiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.