Fana: At a Speed of Life!

Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 36ffaan har’a taphoonni 6 ni taphatamu

Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) – Taphoota Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 36ffaan har’a taphoonni murteessoon 6 ni taphatamu.

Taphoonni torbee kanaa sa’aatii 8:30 jalqabee tapha Tootanihaam Bireentifoord waliin taphatuun eegalama.

Sa’aatii 11:00 eegalee taphni Liivarpuul hirmaannna Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argachuuf Astoon Viillaa waliin taasiisu akkaan eegama.

Sa’aatuma walfakkaatutti taphni Eevartan yaaddoo gara liigii gadiitti bu’uu qabu hambisuuf Woolvarhampiton waliin taphatus xiyyeeffannoo argateera.

Taphoota guyyaa har’aa biroon sa’aatii 11:00 irraa eegalee Maanchiisteer Yuunaayitiid carraa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii mirkaneeffachuuf Boornimaawuz waliin falmii cimaa taasiisaan eegama.

Fuulhaamis Kiristaal Paalaas waliin morkata.

Galgala sa’aatii 1:30 eegalee Nootiingaham Foorest
Arsenaal ni taphata.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.