Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin Hora Arsadee daran hawwataa taasisuuf kaayyeffate eegaluufi

Finfinnee, Fulbaana 19, 2016 (FBC)– Hora Arsadee duudhaa aadaa fi seenaa isaa haala eeggateen hojiin misoomsuu barana akka jalqabu Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu beeksise.

Ittaanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalichaa Obbo Gazzaanyi Dajanee akka jedhanitti, hojiin haricha misoomsuu waggoota lama keessatti kan xumuramu ta’uu fi jalqabbii pirojektichaaf baajanni Birrii miiliyoona 150 ramadameera.

Pirojektichis Horri Arsadii tuuristoota biyya keessaa fi alaan waggaa guutuu akka daawwatamuu fi naannawaa harichaa daran hawwataa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.

Pirojektichis hojiilee babal’isa bu’uuraalee misoomaa, miidhagsaa fi hojiilee walqabatan biroo kan dabalatu ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

Dizaayiniin pirojektichaa xumuramuu kan eeran Obbo Gazzaanyi, misoomichis qabeenya uumamaa naannichaan kan walsimuu fi eegumsa harichaa kan tumsuudha jedhaniiru.

Kunis tuuristoota gara magaalattii dhufanii fi gali damicharraa argamu dabaluuf kan gumaachu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.