Fana: At a Speed of Life!

Piroojektoota naannawaa Gammoojiif waliigalteen deeggarsa Doolaara miiliyoona 14 mallattaa’e

Finfinnee, Sadaasa 27, 2015 (FBC) – Piroojektoota naannawaa Gammoojii Oromiyaatti hojjetamaniif waliigalteen deeggarsa Doolaara miiliyoona 14 mallattaa’eera.

Piroojektoonni kunneen naannawaa Gammoojjii Godina Booranaatti hojiitti kan hiikataman ta’uu eerameera.

Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin Misooma Afrikaa walii galtee kana mallatteessaniiru.

Deeggarsichi Godina Booranaatti Piroojektoota jijjiirrama qabeenya qilleensaa, Koorniyaa idileessuu, misooma Bishaanii, kunuunsa naannoo fi tajaajila qulqullina dhuunfaa babal’isuuf oola jedhame.

Horsiisee bultoota naannawaa Gammoojjii hanqina Bishaanii qabaniif bishaan dhiyeessuuf piroojektii hojjetamu ta’uu eerameera.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samariitaa Sawaasaw fi Baankii Misoomaa Afrikaatti Itti aanaan Daayrektara Olaanaa Naannawaa Baha Afrikaa Dooktar Abduuk Kaamaaraan waliigalticha mallatteessuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.