Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa marsaa 21ffaaf poolisoota leenjisee eebbise

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa marsaa 21ffaaf poolisoota filee leenjisaa ture har’a eebbiseera.

Poolisoonni har’a eebbifaman Akkaadaamii Leenjii Bu’uuraa Poolummaa Awaashitti yeroo dheeraaf leenji’aa kan turan miseensota poolisootaa filaman ta’uun ibsameera.

Koomishinarri Jeneralaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaasha Gabiremikaa’eel eebbifamtotaaf qajeelfama wayita kennan, poolisiin dhaabbata biyyattii kufee ka’uun tajaajilaa tureedha jedhan.

Keessumaa waggootaan 27’f dhaabbataa ogummaa fi dhaabbatummaa utuu hintaane, fedhii gareewwanii kan eegu ta’ee tajaajilaa tureera jedhan.

Akkasumaas lammiilee biratti kan sodaatamuu fi dhaabbata yaaddoo ta’ee darbeera ibsan.

Sirna eebbichaarratti Pirezidaantiin Yuunivarsitii Ityoophiyaa dabalatee qondaaltonni olaanoo Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa hirmaachuu Ragaan Poolisii Federalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.