Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Atleetoota Ityoophiyaa Olompikii Tookiyoorratti hirmaatan gaggeessan

Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Atleetoota Olompikii Tookiyoo 2020 irratti hirmaatan kabajaan gaggeessaniiru.
Alteetoonni kunneen Olompikii Tookiyoorratti onnee guutuun seenaa haaraa akka galmeessan adaraa dhaamaniiru.
Seenaa Ityoophiyaan maaraatooniin Room irratti Atleet Abbabaa Biqilaan eegaltee fi Olompikii Baarseeloonaarratti injifannoo Komaandaar Atleet Daraartuu Tulluun galmaa’e haaraomsuuf seenaa akka galmeessan adaraa dhaabaniiru.
Moo’achuun isaanii moo’annaa Ityoophiyaa ta’uu hubachuun tokkummaan waan humna isaanii akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
Sagantaa gaggeessaa garee Atleetootaa kanarratti Preezdaantii Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu fi Ministira Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruu Kaasaw dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa fi hoggantoonni koree Olompikii argamaniiru.
Jila kanaaf Alaabaan Ityoophiyaa Kabajaan laatameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.