Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Taanzaaniyaa bifa haaraan kaabinee gurmeessen

Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Boqachuu Preezdaantii duraanii Joon Maagufuuliin hordofee Preezdaantii Taanzaaniyaa ta’uun kan filataman Saamiyaa Suuhuuluun bifa haaraan kaabinee biyyattii gurmeessen.
Preezdaant Saamiyaan kaabinee ministirootaa haaraa muudaan keessatti namoota haaraa dabaluu isaanii ibsameera.
Liibaraataa Mulaamulaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa biyyattii taasiisuun muudaniiru.
Liibaraataa Mulaamutaa Ameerikaatti Ambaasaaddara Taanzaaniyaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.
Seenaa biyyattii keessatti Dooktara Ashaa Rooz Miigiirootti aananii dubartii 2ffaa biyyattiitti Ministira Ministeera Dhimma Alaa ta’aniiru.
Preezdaant Saamiyaan Dooktar Filiip Mipaangoon itti aanaa Preezdaantii biyyattii taasiisuun filataniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.