Fana: At a Speed of Life!

Proofesar Biraanuu Naggaa fi Dooktar Injinar Geetaahuun Makuriyaa wal harkaa fuudhiinsa hojii gaggeessan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2014 (FBC)- Proofesar Biraanuu Naggaa fi Dooktar Injinar Geetaahuun Makuriyaa wal harkaa fuudhiinsa hojii gaggeessaniiru.

Ministirri Ministeera barnootaa duraanii Dooktar Injinar Geetaahuun fi hooggantoonni olaanoon ministeerichaa guyyaa kaleessaa muudamuun gara Ministeerichaa kan dhufan Proofesar Biraanuuf simannaa taasisaniiru.

Sirna wal harkaa fuudhiinsa hojii kana irratti Ministirri Barnootaa duraanii Dooktar Injinar Geetaahuun Makuriyaan haala gurmaa’insa ministeera barnootaa, hojiilee hojjetamaa jiranii fi gara fuulduraatti hojjetamuuf karoorfataman irratti ibsa taasisaniifiiru.

Proofeesar Biraanuun gama isaaniitiin, dameen barnootaa dameelee biyyatti hojii bal’aa barbaadan ta’uu ibsuun, hojii dhaloota jijjiiruu danda’u hojjechuuf hanga isaaniif danda’ame kan carraaqan ta’uu ibsaniiru.

Hooggantootaa fi hojjetoota ministeerichaa waliin mari’achuun kan hojjetan ta’uu fi simannaa taasifameef galateeffachuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.