Fana: At a Speed of Life!

Proojaktii abbaa warraa miiliyoona 1.2 fayyaduu danda’u gara hojiitti galchee socho’aa jiraachu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Ministeerri Qonnaa maallaqa liqaa Baankii Addunyaarra argameen proojaktii abbaa warraa miiliyoona 1.2 fayyaduu danda’u gara hojiitti galchee socho’aa jiraachu ibse.

Proojaktichi abbootii warraa qonnarratti bobba’an, dubartoota fi dargaggoota hojii dhaabaa akkasumaas damee misooma qabeenya beelladaa fi qurxummiirraatti bobba’an fayyadamoo kan taasisudha jedhame.

Baankii Addunyaan kan deeggaramu proojaktiin damee misoomaa qabeenyaa beelladaa fi qurxummiitti qindeessaan biyyaalessaa Dooktar Toomaas Charinnat liiqaa baankicharra argame Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 70 fi mootummaan kan ramadame Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90 lammiilee misooma qabeenya beelladaa fi qurxummiin miidhaan fayyaduuf kan gargarudha jedhame.

Proojaktichi naannolee 6tti aanoota 58 gandoota kuma 1 fi 755 kan hirmaachisedha.

Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan proojakticha kan ta’an Dooktar Darajjee Guddattaa akka naannoo Oromiyaatti yeroo ammaa kana proojaktichi aanoota 23tti gara hojiitti galeera jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.