Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin tajaajila fayyaa dubartootaa fi sirna hormaatarratti hojjetu ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Maarii Istoops Internaashinaal Ityoophiyaa fi Pooppuleeshin Sarvis Internaashinaal Ityoophiyaan Ministeera Fayyaa waliin ta’uun Proojektii tajaajila fayyaa dubartootaa fi sirna hormaatarratti hojjetu ifoomsan.
 
Waggoottaan darban dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun tajaajila karoora maatirratti hojii hedduun hojjetamuu Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.
 
Dargaggoota bultii ijaaran biyyattii keessaa %22 kanneen tajaajila karoora maatii guutuu hin arganneedha jedhame.
 
Dubartoonnii fi shamarraan tajaajila karoora maatii fi sirna hormaata loogirraa bilisa ta’e haqa qabeessaa fi beekkumsarratti hundaa argachuu akka qaban carraan hundi laatamuu qaba jedhan Dooktar Darajjeen.
 
Daayreektarri olaanaan Maarii Istoops Internaashinaal Ityoophiyaa obbo Abbabaa Shibbiruu gama isaaniin Proojektichi rakkoo hawaasummaa dargaggoota kan hiikuu, deebii kan laatuu fi barnoota isaanii xumuruuf carraa akka argatan sagantaa gargaaruudha jedhan.
 
Dargaggootarratti hojjechuun biyya ijaaruudha kan jedhan obbo Abbabaan, Maarii Istoops Internaashinaal Ityoophiyaa fi Pooppuleeshin Sarvis Internaashinaal Ityoophiyaan dargaggootarratti xiyyeeffachuun hojjetaa jiru jedhaniiru.
 
Proojektichi deeggarsa maallaqaa tumsa mootummaa Kaanaadaarraa argameen raawwatama jedhame.
 
Dargaggoota guddattoota umriin 15-19 ta’aniif tajaalila laata jedhameera.
 
Naannolee 3 godinaalee 13 keessatti hojiirra kan oolu ta’uus ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.