Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii Oomisha Xaafii mudate furuuf hojjetamaa jira-BDO

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC) – Oromiyaatti qaala’iinsa gatii Oomisha Xaafii mudate furuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.

Godinaalee Oromiyaa keessatti hanqinni dhiyeessii Oomisha Xaafii akka hin mudanne waldaalee Hojii Gamtaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Jambaruu Abbabaan Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.

Naannoo Oromiyaa keessa Oomishni Xaafii gahaan jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaan naannichaarraa mirkanaa’uu eeraniiru.

Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamus shirri gabaa akka hin mudanne haala addaan hojjechaa jiraachuu eeranii
Jilichi hanqinni dhiyeessii fi daballiin gatii seeraan alaa akka hin mudanne hordoffii fi to’annoo cimaa taasiisaa jiraachuu eeraniiru.

Faanaa Biroodkaastiing Korporeetii odeeffannoo kutaalee Oromiyaa garaagaraarraa argateen yeroo ammaa Oromiyaa keessatti Xaafiin Kuntaalli 1 Birrii Kuma 5 fi 600 hanga kuma 9 fi 500 gurgumaa jira.

Waldaaleen Hojii Gamtaa Xaafii kuntaala1 Birrii kuma 5 fi 450 hanga Kuma 6 fi 800tti gurguraa jiru.

Dhaabbileen daldalaa ammoo Xaafii kuntaala 1 Birrii kuma 7 hanga kuma 9 fi 500tti gurguraa jiraachuu odeeffannoon hawaasarraa argame ni mul’isa.

Garaagarummaan kun kan uumame hanqinni Oomisha Xaafii jiraatee osoo hin taane adeemsa daldaltoonni karaa qaxxaamuraa qabeenya horachuuf taasiisaniin ta’uu Obbo Jambaruun dubbataniiru.

Rakkoo gatii daballii Oomisha gatii Xaafii jiru furuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.