Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsi gatii % 23.3tti gadi hir’achuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) – Baatiwwan saglan darban Qaala’iinsi gatii gara % 23.3tti gadi bu’uu Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa beeksise.
Gatiin meeshaalee nyaataa yeroo gara yerootti dabalaa jiraatus, hamma ittiin dabalu hir’isuuf Mootummaan yaalii taasiisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.
Daballii gatii tasgabbeessuuf mootummaan Boba’aa fi Xaa’oo Biyyoo dabalatee meeshaalee garaagaraatti deeggarsa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Qaala’iinsi gatii, hojii dhabdummaan dabaluu, meeshaaleen alaa haala siyaasaa addunyaa waliin jijjiiramuun diinagdee Itiyoophiyaarratti dhiibbaa olaanaa uumuu eeraniiru.
Dameen dhuunfaa carraa hojii bal’aa akka uumuuf hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraatus, caalmaatti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Damicha dorgomaa fi bu’aa qabeessa taasiisuun ammallee hojii cimaa kan barbaadu ta’uu Dooktar Fitsum ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.