Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee haasaa jibbiinsa tamsaasanirratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba- paartilee siyaasaa

Finfinnee, Bitoottessa 1, 2012 (FBC) – Qaamoolee haasaa jibbiinsa tokkumaa lammiilee Ityoophiyaa laaffisan tamsaasanirratti mootummaa tarkaanfii fudhachuu qaba jedhan hoggantoonni paartilee siyaasaa.

Hogganaan Qunnamtii Hawaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) obbo Qajeelaa Mardaasaa turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaaniin haasaa jibbiinsa to’achuuf bu’uuruma seeri ba’een qaamoolee gocha akka kana raawwatanirratti tarkaanfiin barsiisaan fudhatamu akka qabu himaniiru.

Miidiyaalee haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa tamsaasanirraatti hojiin to’annoo cimuu akka qabus dubbataniiru.

Dura taa’aan Paartii Demokiraasii Tigraay Dooktar Aragaawwii Barhee gama isaaniin qaamoleen haasaa jibbiinsa tamsaasan seeraan gaafatamuu qabu jedhaniiru.

Dura taa’an Sochii Bilisummaa Sidaamaa obbo Dukkaalee Laammisoo haala kamiin haasaa jibbiinsa qaamni taamsaasu itti gaafatamu qaba jedhan.

Hayleyesuus Makonniintu gabaase.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.