Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee hariiroo ummata Oromoo fi Sidaamaa cimsuu keessatti qooda qabaniif beekkamtiin laatame

Finfinnee, Hagayya 10, 2014 (FBC) –Abbootii Gadaa, Manguddootaa fi caasaalee Mootummaa hariiroo Sidaamaa fi Oromoo Arsii cimsuu keessatti gumaacha olaanaa ba’aniif beekkamtii fi badhaasni kennameera.

Manguddoonnii fi Abbootiin Gadaa, nageenyaafi obbolummaa saboota lamaan gidduutti argameef qooda olaanaa gumaachuun bullukkoo ulfinaa fi kabajaa ummata duratti uffatan ofirra tursiisuuf fuulduraafis kana caalaa cimanii kan hojjatan ta’uu himaniiru.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Naannoo Sidaamaa Obbo Alamaayyoo Ximootiyoos ummanni Sidaamaafi Oromoo hundeeffama caasaa ammayyaa mootummaan duratti obbolummaa fi ollummaan ummata waliin jiraachaa ture ta’uu himaniiru.

Fuulduraafis nageenyaaf misooma naannoo isaaniitiif qaamni isaan caalaa itti gaafatamummaa qabu kan hin jirre ta’uu, sirna beekamtii kennuu kana irratti dubbataniiru.

Bulchaan Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajjii, kana booda manguddootaas ta’e caasaalee mootummaa walitti dhufeenyaafi misooma ummattoota lameeniif quqamaan hojjatan bullukkoo ulfinaa fi kabajaa uwwisuun akkuma jiru, qaamota harka lafa jalaatiin ummata walitti buusuuf hojjatan irrattis tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu hubachiisuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.