Fana: At a Speed of Life!

Qaamooleen nageenya maallaqa miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5 gadi akka maallaqa seeraan alaatti ilaaluun too’achuu hin qaban jedhame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) – Qaamooleen nageenya maallaqa miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5 gadi akka maallaqa seeraan alaatti ilaaluun too’achuu akka hin qabne Baankiin Biyyaaleessaa beeksise.
 
Ministirri Ministeera Maallaaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaaggar Dasseen noottii haaraa jijjiirrame ilaalchisee ibsa waloo laataniiru.
 
Qajeelfama Noottii haaraa jijjiirramerratti hanqinni hubannoo jiraachuu Bulchaan Baankii Biyyaalessa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaaggar Dasseen ibsaniiru.
 
Qaamooleen namoota Birrii kuma dhibba 1 qabatanii socha’an qabuun isaanii sirrii akka hin taane eeraniiru.
 
Jiraattoonni hanga Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5tti sodaa tokko malee qabatanii socho’uu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.
 
Qajeelfamni Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5 ol qabatanii socho’uu dhorku dhaabbilee buufata boba’aa fi dhaabbilee gurgurtaa olaanaa gaggeessan hin ilaallatu jedhan.
 
Yaa ta’uutii hawaasni daldalaa biroo dhaabbilee kanneeniitti da’eeffatanii seeraan ala hanga maallaqa eeyyameefii ala sochosuun yakka ta’uu hubachiisaniiru.
 
Qaamooleen dhuunfaa tokko tokko qajeelfamichi Baankoota qofa ilaallata jechuun gama dhaabbilee Faayinaasiin maallaqa galchuuf yeroo yaalii taasisan argamaniiru jedhaniiru.
 
Qajeelfamichi Baankootaa fi dhaabbilee Faayinsaansii hundaa walqixa tajaajila jedhan.
 
Baankoota garaagaraatti lakkoofsa herreegaa banchuun maallaqa noottiin kaa’uuf qaamooleen yaalaan argamnii tarkaaffiin kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.
 
Tarkaanfichis hanga maallaqicha irraa mulquu ga’uu danda’a jedhan.
 
Maallaqa maqaa nama biroon kaa’uuf yaaluunis kan hin danda’amne ta’uu ibsa isaaniin eeraniiru.
 
Konkolaachiftoonni daangaa ce’aa, maallaqa qabatanii waan socho’aniif maallaqni hundi akka maallaqa seeraan alaatti fudhamuu hin qabu jedhaniiru.
 
Keessattuu konkolaachiftoonni daandii Jiibuutiirra hojjetan ilaalcha keessa galuu qabu jedhame.
 
Konkolaachiftoonni yeroo daangaa ce’an hanga Birrii kuma 30tti qabatanii socho’uu danda’u jedhameera.
 
Wayita gara biyya keessaa seenaan ammoo hanga Birrii kuma 10nitti qabachuu akka danda’an ibsameera.
 
Yaa ta’uutii karaa seeraan alaan maallaqa Konkolaataa keessa dhoksanii galchuuf yaaluun yakka ta’uu ibsameera.
 
Tigist Abrahaamtu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.