Fana: At a Speed of Life!

Carraa hojii seektarri tuuriizimii maddisiisu irraa fayyadamuuf hatattamaan hojiitti galuu qabna-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Carraa hojii seektarri tuuriizimii maddisiisu irraa fayyadamuuf hatattamaan hojiitti galuu qabna jedhan Pireezidaantin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Pireezidaanti Shimallis xumura Torbee Turizimii Oromiyaa ilaalchisuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin barii Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaatti galmaa’etti sagantichi qophaa’uutti gammachuu isaanii ibsaniiru.

Akaakilee fi Abaabilee qabeenya qaalii kana eeganii tursiisanii fi nu dhaalchisan, keessattuu ummata Baalee hedduu galateeffadha jedhan.

Mootummaan Seektarri Turiizimii dilbii hintuqamne ta’uu hubatee dinagdee naannoo fi biyya keessatti qooda hiika qabeessa akka taphachuu danda’utti caaseffama damee kana madaaluu ijaaruu fi inisheetivoota haaraa yeroo gabaabaa keessatti jijjirama barbaadamu fiduu danda’an bocuun hojjiitti galuu Obbo Shimallis kaasaniiru.

Bu’uuruma kanaan, Komishiniin Turiizimii Oromiyaa ergama Mootummaan Naannoo Oromiyaa itti kenne fudhatee, waggoota muraasa keessatti hojiilee bu’aa gugudda argamsiisan raawwachuu fi naannawaa Afrikaa Bahaattis dadammaqiinsa olaanaa uumuu danda’uu himaniiru.

Daawwannaa agarsiisa “Torbee Turiizimii” kanaan hojiilee abdii namatti horan hedduu arguu ibsuun, gama birootiin carraa hojii seektarichi maddisiisu kanneen akka tajaajila geejjibaa, dhiyeessii meeshaalee aadaa, madaqsa teeknoolojii, tajaajila hoteelaa fi iddoowwaan bashannanaa fa’aa irraa fayyadamaa ta’uuf hataattamaan raawwiitti galuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Sochiin hanga ammaa jiru akka mul’isutti, hojii manee baay’een kan hafan ta’ullee, gama hundaan onneerraa hojjennaan wanti nuti jijjiiruu hindandeenye akka hinjirre kan mirkaneessuudha jedhan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.