Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfama Godaansaa deebiitoota deebisanii dandamachiisuuf ba’eratti mari’atame

Finfinnee, Onkololeesa 10, 2016 (FBC) – Qajeelfama lammiilee godaansaa deebi’an dandamachiisuun gara hojiitti galchuuf ba’erratti mari’atameera.

lammiileef karaa seera qabeessa biyya alaatti carraa hojii uumuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri hojii fi Ogummaa beeksiseera.

Godaansa seeraan alaa ittisuu fi godaansaa deebitoota deebisanii dhaabuuf Itti Gaafatamummaa qabna jedhan Ministir Deetaan Ministeerri Hojii fi Ogummaa Obbo Nigusuu Xilahuun.

Lammiileen karaa seeraan bobbii hojii biyya alaa akka argatan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bobbiin hojii alaa kunis qajeelfaman durfamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hojiin godaansaa deebitoota adda baasuun galmeessuu, deebisanii dhaabuu,leenjisuu,carraa hojii uumuu fi kanneen gara biyya alaatti deebi’uuf fedhii qabaniif karaa seera qabeessaa haala mijeessuu ciminaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Taammiruu Kaffalenyitu gabaase.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.