Fana: At a Speed of Life!

Qondaaltonni olaanoo federaalaa naannolee garagaraatti hojiilee misoomaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC)- Qondaaltonni federaalaa Naannoolee biyyatti garaagaraatti hojiilee misoomaa daawwataniiru.

Haaluma kanaan gareen deeggarsaa fi hordoffii miseensa koree hoji raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Dooktar Sammaa Xirunaan durfamu Magaalaa Maayaatti hojiilee inisheetiiviiwwan qonna magaalaa daawwateera.

Injifannoowwan argaman itti fufsiisuu fi hanqinoota raawwii hojii keessatti mul’atan furuuf sirni deeggarsaa fi hordoffii bu’aa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

Haaluma walfakkaatuun Gareen Deeggarsaa fi Hordoffii Obbo Addisuu Araggaan durfamu hojiiwwan misoomaa Godina Koonsoo Aanaa Kaaraatitti hojjatamaa jiran daawwateera.

Omishaafi oomishtummaa dabaluuf hojiileen sagantaa maaddii guutuun hojjetamaa jiran daawwatameera.

Hooggantoonni hojii olaanoon federaalaas hojiin hojjatamaa jiru jajjabeessaa ta’uu eeranii misooma jallisii boneen walqabatee caalaatti hojjechuu akka barbaachisuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.