Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoota adda duree invastimantiitti ceesisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 2,2012 (FBC) – Qonnaan bultoota adda duree godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Invastimantiitti ceesisuuf bu’uura danbii Invastimantii irra beebiin ba’een hojjetamaa Jira jedhame.
 
Danbii lakkoofsa 208/2012 bulchiinsi Investimantii mootummaa naannoo Oromiyaa irra deebiiin baase bu’ura godhachuun qonnaan bultoota adda duree aanaalee godinichaa irraa walitti dhufaniif leenjiin hubannoo cimsuu kennameera.
 
Itti gaafatamtuun Waajjira Invastimantii godinichaa aadde Masarat Abbabaa kana dura carraan qotee bulaa invastimantii keessatti hirmaachisuu laafaa ta’uu eeruun, ammaan booda bu’ura danbichaatiin ni hojjetama jedhan.
 
lafuma isaanii akka misoomsaniif walitti hidhamiinsi baankiilee waliin akka uummamu taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Bulchaan godina Addaa Naannawaa Finfinnee obbo Girmaa Hayiluus gama isaaniitiin, qonnaan bulaa qa’ee isaarratti Invastara taasisuuf hojii hojjetamaa jiru Cimssuf qaamooleen sadarkaan jiran tumsa barbaachisu gochuu akka qaban gaafataniiru.
 
Qonnaan bultoonnis onnachuun hojii qabatamaa keessa galuu qabu jedhan.
 
Qonnaan bultoonni leenjicharratti hirmaatanis hanqinaaleen kana dura ture hojjetanii jijjiirramuuf gufuu guddaa kan ture ta’uu ibsaniiru.
 
Akka waajjirri dhimoota Koominikeeshinii mootummaa godinichaa beeksiseetti qonnaan bultoonni kunneen carraa argameetti sirnaan fayyadamuuf qophii ta’uu isaanii himaniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.