Fana: At a Speed of Life!

Qonnan bultoonni carraa naannawaasaanii jirutti fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneeffachuu qabu-Obbo Abdulhaakiim Muluu

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)- Qonnaan Bultoonni baankii carraalee misoomaa jallisiif mijatoo naannawaa isaanitti fayyadamuun oomishtummaa dabaluun wabii nyaataa mirkaneeffachuu akka qaban Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluun akeekan.

Jilli Obbo Abdulhakiim Muluun durfamu Godina Baalee Bahaa Aanaa Gindhiiritti omisha kuduraa fi muduraa, buufata biqiltuu Avookadoo Sanyii fooyya’aa fi kanneen biroo daawwataniiru.

Qonnan bultonnii fi horsisee bultonni baankii bishaanii qabaachu, carraalee misooma jallisiif mijataa naannawaasaaniitti fayyadamuun, omishasaanii guddisuun wabii nyaataa mirkaneeffachuu akka qaban Obbo Abdulhaakiim dubbataniiru.

Pirojektoota misooma jallisii mootummaan hojjetu sirnaan eeguu fi kunuunsuun itti fayyadamuu akka qabaniis hubachiisan.

Akka godina Baalee bahaatti pirojektiiwwan finnaa hojjetamaa jiran keessa pirojektiin Finnaa Dhoofaa Aanaa Saawweenaa %55 irra gahu Bulcha bulchiinsa godina Baalee bahaa Obbo Jaarsoo Booruu himaniiru.

Pirojeektichi yeroo xumurameetti abbootii warraa kuma 1 fi 500 ol fayyadamtoota akka taasisuu ibsaniiru.

Pirojektiin kunis yeroo qabame keessatti ijaaramee akka xumuramuuf hudhalee jiraniif furmaataa kennaa akka jiraan dubbachuu ragaan kominikeshinii Godinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.