Fana: At a Speed of Life!

Qophii haal-duree Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa naannawaa Finfiinneetti ijaaramu irratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Qophii haal-duree ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idila Addunyaa naannawaa Finfiinneetti ijaaramu ilaalchisuun Ministeera Maallaqaa mariin gaggeeffameera.
Maricharratti Ministirra maallaqaa obbo Ahimad Shidee, Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabra Maariyaa argamniiru.
Ityoophiyaatti Proojaktii meegaa 2ffaa kan tahe, qophii haalduree ijaarsa buufata xiyyaaraa idil addunyaa haaraa irratti marii’ataniiru.
Proojaktichi guddinaa fi misooma biyyattif gahee olaanaa akka qabu abdiin irra kaa’ameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.