Fana: At a Speed of Life!

Qorannoon hojiilee muuziqaa artist Nuhoo Goobanaarratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Qorannoon hojiilee muuziqaa artist Nuhoo Goobanaarratti xiyyeeffate Yuunvarsiitii Dirre Dawaatti gaggeeffame.

Waltajjichaan ga’ee artsist Nuhoo Goobanaan guddina miiziqaa Oromoof gumaache ilaalchisee gorsaa dhimmoota aartii preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Mahaammad Qopheen ibsi taasifameera.

Nuhoon hojii muuziqaa qabsoo uummata Oromoof taasisuun cinatti gaggeessaa turuu obbo Mahaammad kaasaniiru.

Tokkummaa uummata Oromoo fiduuf ga’ee olaanaa ba’achaa turuu eeraniiru.

Hanga gaafa du’u isaatti Nuhoon guddina muuziqaa, afaanii fi aadaa Oromoof ga’ee isaa ba’achaa turuu eeraniiru.

Fuuldurattis hojiileen ga’ee Nuhoon uummata Oromoof ba’e seenessan hojjetamuu akka qaban ibsaniiru.

Saganticharratti haadha warraa artist Nuhoo Goobanaa Dabalatee artistoonni kanneen akka  Elemoo Alii, Shantamaa Shubbisaa fi Adam Alii argamaniiru.

Iyyoonaadaab Andu’aalamtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.