Fana: At a Speed of Life!

Qorannoon mata duree ‘Ijaarsa Biyyaa fi Adeemsa Mootummaa Dimokraatessuu Ityoophiyaatti Ga’ee Oromoo’ jedhuun qophaa’e dhiyaachaa jira

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC)- Qorannoon mata duree ‘Ijaarsa Biyyaa fi Adeemsa Mootummaa Dimokraatessuu Ityoophiyaatti Ga’ee Oromoo’ jedhuun qophaa’e Finfinnee Hoteela Iskaay Laayititti dhiyaachaa jira.
Qopheessummaa Paartii Badhinaa Oromiyaatti Damee Qo’annoo fi Qorannoo fi Akkaadaami Hoggansa naannoo Oromiyaatiin qophaa’e kanarratti waggoottan 3 darbanitti bu’aalee gama hundaan argamanii fi hanqinoota jiran irratti qorannoon dhiyaateerratti mari’atamaa jira.
Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan, qorannoon akkasii walsakaaluuf adeemuurraa bahuun olaantummaan yaada mo’ataa akka fudhatamu taasisu keessatti ga’een olaanaa qaba jedhaniiru.
Keessattuu, Paartiileenii fi jaarmiyaaleen uummata Oromoof dhaabbadhe jedhu marti faayidaa fi egeree ummata Oromoo haala mirkaneessuu danda’uun socha’uun barbaachisaadha jedhaniiru.
Qorannoo kanaan waggoottan sadan darbanitti gama Dinagdee, Gaaffiiwwan uummataa deebisuu, raawwachiisummaa proojektoota misoomaa, hojii dippiloomaasii ykn qunnamtii alaa fi akka naannoo oromiyaatti hojiin misooma baadiyaa fi dinagdee fooyyeessuuf hojjetamaa jiran jijjiirama qabataa mul’isaa jiraachuun ibsameera.
Hojiilee gama hundaan hojjechuun eegalame sadarkaa isaa fi saffisa isaa karaa eegeen hojjetamuu akka qabus qorannicharratti ka’eera.
Hojiin dirree demokraasii bal’isuu akkuma jirutti ta’ee demokraasiin olaantummaa seeraan ala mirkanaa’u waan hin jirreef hojiin olaantummaa seeraa eegsisuu cimee itti fufuu qabaas jedhameera.
Carraan ce’umsaa ummanni abdii guddaa irraa qabu kana sirriitti fayyadamuuf shiira siyaasaa fi walxalafuuf fiiguurra wantoota waldhabdee uuman irratti taa’anii mari’achuu aadaa taasisuun barbaachisaa akka ta’ees eerameera.
Hundaa ol miira keessaa bahuun olaantummaa fi yaada mo’ataa irratti xiyyeeffatamuu qabaas jedhaniiru.
Waraqaa qorannoo dhiyaatanirratti mariin taasifamaa jira.
Bizu’aaleem Beenyaatu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.