Fana: At a Speed of Life!

Raammoon Geerii Afrikaa Godina Jimmaatti mul’ate

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Raammoon Geerii Afrikaa Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti mula’chuusaa Giddugalli Kilinika Eegumsa Biqiltuu Jimmaa beeksiise.
Itti Gaafatamaan Giddugalichaa obbo Boonaa Hirphaa Geeriin Afrikaa Aanaa Shabee Somboo gandoota afur keessatti mul’achuu ibsaniiru.
Geeriin kun oomisha xaafii, boqqoolloo, daagujjaa, mishingaa fi lafa margaarrahektaara 400 irra jiru miidhuu eeraniiru.
Yeroo ammaa ilbiisonni fi dhukkuboonni biqiltuu babal’chaa waan jiraniif qonnaan bultoonni ooyruu isaanii akka sakatta’an dhaaamaniiru.
Tamasgeen Allabbachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.