Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Yuukreen yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti wal arguun marii taasiisan

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Raashiyaa fi Yuukreen yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti wal arguun dhimmoota adda addaarratti marii taasiisaniiru.

Erga wal waraanuu eegalanii yeroo jalqabaaf mariisisummaa Kaataariin fuulaa fuulatti wal arguun mari’ataniiru jedhame.

Marii gaggeessaniin daa’immaan sababa waraanaan to’ataman waliif deebisuuf waliigalteerra ga’uu eeraniiru.

Marii Kaataar magaalaa Dohaatti gaggeeffame kanaan daa’immaan Yuukreen 29 fi Raashiyaa 19 waliif deebisuuf waliigalteerra ga’amuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.