Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan magaalaa Yukreen Maaripool jedhamtu guutummaatti to’atte

Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) –Loltoonni Raashiyaa magaalaa buufata doonii Yukreen Maaripol jedhamtu guutummaatti to’achuu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa beeksise.
Lola baatii tokko fixe gaggeessuun magaalaa tarsiimoo waraanaa olaanaa taate maaripoolii guutumaa guutuutti to’achuu Dibbii Himaan Ministeera Raayyaa Ittisaa biyyattii Igoor Koonaashinkoov ibsaniiru.
Akka ibsa Dubbii himichaatti loltoonni xumuraa Yukreen warshaa sibiilaa Azovisitaal naannoo magaalaa Maaripool jedhamutti daheeffachuun waraana cimaa gaggeessaa turan 531 harka kannuu ibsaniiru.
Kana hordofuun loltoonni Raashiyaa magaalaa buufata doonii Yukreen Maaripool fi Azovisitaal guutummaatti to’achuu isaanii himaniiru.
Preezdaantiin Yukreen Vooloodimiir Zalanisikiin loltoonni Yukreen warshaa sibiilaa Azovisitaal daheeffachuun waraana gaggeessaa turan iddichaa akka ba’an ajaje kennanii turuu isaanii Mooskoo Taayimsi gabaaeera.
Waraanni Raashiyaa naannicha to’achuuf waraana lafoo fi qilleensarraa cimaa ta’e gaggeessaa turuu fi yeroo ammaa haala amansiisaa ta’een naannicha to’achuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.