Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa Ittisa Biyyaa dirree waraanaatti dirqama bahachaa turaniif simannaan taasifame

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa, ajajoota waraanaa fi miseensoota raayyichaa dirree waraanaatti dirqama bahachaa turaniif, simannaan gootaa Gidduugala Leenjii Looltummaa Bulbulaatti taasifameera.

Sirna simannaa kanarratti Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ittaanaan Itaamajoor Shuumii Jeneeraal Ababaawu Taaddasaa fi ajajoonni biroon argamaniiru.

Simannaan taasifamees wareegama dirqama kennameef kaffalaniif galateeffachuun, fuulduraatti qophii dirqama loltummaaf taasisuuf yaadamee ta’uu TOI gabaaseera.

Sirnichaarratti argisiisni suuraa fi dookumantarii loltummaa dhiyaachuun eerameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.